Category: Oduu
Wajjirri Carraa hojii Uumuu fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa fayyadamummaa Dargaggoota Dinagdee keessatti qaban Cimsuuf Leenjii hubannoo cimsuu Kenne.
Humna dargaggoota Amma jiru kana Dinagdeen humneessuuf aadaa hojii cima uumuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba kan jedhan Obbo Abdulqadiir Bulchiinsi Magaalichaas kana dhugoomsuuf hojiitti kan seenamee akka ta’e dubbatan. Itti Aanan Kantibaa fi Qindeessaan Kilaastara Dinagdee Obbo Maatiyos Sabooqaa erga dabarsaniin akka Magaalichaatti Lammiilee Kuma 60 ol ta’aniif Carraa hojii Uumuu karoorfamee hojjetamaa Jirachuu kaasanii,pooteeshaala carraa […]
Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Awutoobisiiwwan ammayyaa sagal eebbisiisuun hojii eegalchiise.
Itti gaafatamaa waajjira pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Dr Abdulaziiz Daawud dabalatee keessummoonni gara garaa sagantaa eebbaa kana irratti argamaniiru. Awutoobisiiwwan kunneen karaa dhaabbata Invastimanti Giruuppii Adaamaatiin kan galan ta’uun sararoota bobbii 11 irratti tajaajila ni kennu jedhamee eegama.
“Kitaabni ‘Smart Adama’ Yaadama jijjiiramaa akka biyyatti deemaa jiru kan tumsudha” – Kantiibaa Hayiluu Jaldee
Sirni eebbaa kitaaba ‘Smart Adama’ gaggeeffamaa jira.**Kantiibaan magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee fedhii hawaasa magaalattii irratti hundaa’uun tajaajiloota kennaman ammayyeessuuf prijektiin Ismaart Adaamaa hojiirra ooluu ibsan. Kitaabni kunis haala qabatamaa magaalattiin keessa jirtu irratti hundaa’uun kan barraa’ee fi yaadama jijjiiramaa akka biyyatti deemaa jiru kan tumsudha. Kitaabichi fuulota 442 fi Boqonnaawwa kudhan kan of keessaa […]
Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Awutoobisiiwwan ammayyaa sagal eebbisiisuun hojii eegalchiise.
Itti gaafatamaa waajjira pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Abdulaziiz Daawud dabalatee keessummoonni gara garaa sagantaa eebbaa kana irratti argamaniiru. Awutoobisiiwwan kunneen karaa dhaabbata Invastimanti Giruuppii Adaamaatiin kan galan ta’uun sararoota bobbii 11 irratti tajaajila ni kennu jedhamee eegama. Jiraattonni magaalichaa sagantaa eebbaa kana irratti argamanis awutoobisiiwwan kunneen rakkoo gejjibaa magaalattii kan furanidha jechuun dubbatu. Gandoota […]
Milkaa’inoonni bara 2017 damee ijaarsatiin argaman caalmaa hojii bara 2018tiif onnachiiftuu guddaadha jedhan itti gaafatamaan waajjira abbaa taayitaa konistiraakshiinii magaalaa Adaamaa Obbo Fiqaaduu Saatanaa.
Waajjirichi raawwii hojii bara 2017 fi kallattii hojii bara 2018 ilaalchisuun raadiyoo ABS addatti ibsa kenneera.*******Magaalaan Adaamaa magaalota akka biyyaa fi naannootti muuxannoo hundagaleessa qooduun beekamtuudha. Magaalittiin sadarkaa ijjarsaa, guddinaa fi hawwatamummaatiin magaalaa akkaan leellifamtu yoo taatu kana keessatti gaheen waajjira abbaa taayitaa konistiraakshiinii magaalichaa guddadha. Magaalichatti Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Fiqaaduu Saatanaa bara 2017 […]
Hoji gaggeessitonni baankii Awaash riijinii Adaamaa sagantaa ashaaraa magariisaan duula dhaabbii biqiltuu gaggeessan.
Biqiloonni dhaabamaniis miidhaginaa fi gaaddisaaf kan oolan ta’uu ibsameera. Daariiktarri baankii Awaash riijiinii Adaamaa obbo Margaa Axinaafuu ashaaraan magarisaa dhaloota egeree fayyadamaa taasisuu keessatti shoora ol’aanaa qaba waan ta’eef hirmaannaa keenya cimsinee itti fufna jedhan. Baankii Awaashitti hojii gaggeessaan damee Adaamaa obbo Abdurahmaan Amaan baankichi biyyattii diinaagdeen utubuun cinaatti galma ashaaraa magariisaan mootummaan qabate dhugoomsuuf […]
Magaalaa Adaamaa aanaa Irreechaatti duulli dhaabbii biqiltuu kutaalee hawaasaa fi hoggansaa hirmaachise gaggeeffame.
Dhaabbiin biqiltuu kun qarqara daandii aspaaltiitti kan raawwate yoo ta’u, miidhagina magaalittii dabaluun cinaatti qilleensaa fi sochii qarqara daandii hawwataa taasisuuf oola jedhameera. Bulchaan aanaa Irreechaa Obbo Goobana Guddataa karoora dhaabbii biqiltuu bara kana akka biyyaa fi magaalichaatti qabame milkeessuuf aanichatti biqiltuuwwan gosa garagaraa kuma 600’000 ol dhaabuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu himan. Aanichatti biqiloota gaaddisaa […]
Yuunivarsitiin Riivt-Vaalii Kaambasii Adaamaa Barattoota Muummeewwaan Barnoota garsgaraatiin Barsiisaa ture 4124 eebbisiisaa Jira.Sirna eebbaa kanaan Digrii jalqabaatiin barattoota 1500 fi gulantaa/level/4ffaa tiin barattoota 2624 sagantaalee barnoota idilee,galgalaafi torbeen barsiisaa ture barattoota 4124 ni eebbisiisa jedhamee eegama.
Sirna eebbaa kanarratti hundeessaafi abbaa qabeenyaa yuniversiitichaa obbo Dinquu Dayyaas fi itti aanaa kantiibaafi qindressaa kilaastara hawaasummaa Magaalaa Adaamaa obbo Nigaatuu Mootummaa dabalatee, hoggantoota mootummaa olaanoo,barsiistoota fi maatiin eebbifamtootaa argamaniiru. Yunivaraitii Riivt vaalii eegga hunda’ee waggaa 25 yoo ta’u marsaa 23ffaa’f guyyaa har’a eebbisiisaa jira. Sisaay Isheetuutu gabaase.
30/10/2017Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti piroojektoonni bara 2017 bajata moootummaa fi hirmaannaa ummataan hojjetaman bakka keessummoonni naannoo fi magaalichaa argamanitti eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru.
Sad.I/A Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaa barri kun bara qomoo itti olqabannee fi misooma jalqabne itti xumurre waan ta’eef iccitiin milkaa’ina bara kanaa aadaan piroojaktii jalqabuu fi xumuruu dagaaguu, bilisummaa dhiigaan argame qabsaa’ota bilisummaa oromootiif siidaa kaa’aa deemuuf xiiqii uumamee fi galii qabnu duguugnee sassaabuun guddina biyya keenyaa birmadummaa biyya keenyaa sadarkaa hin […]
Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shananii aanaa Haroorettiitti hawaasni Zoonii waaqee miyaa fi Xiyyoo qaamolee nageenyaa milishaa zoonichaaf Ooyiruu isaanii qotuun sanyii qamadii facaasaniif.
Itti gaafatamaan Bulchiisaa fi nageenyaa kutaa Magaalaa Bokkuu Shananii Obbo Darajjee Dabalaa caasaan kun hojii nageenyaa eegisisuu irratti babba’ee jiru cimsee akka hojjetuuf qonnaan bultoonni fedhiif kaka’umsa mataa isaaniin oyiruu qaamolee nageenyaa kanaa qotuun isaanii hojii jajjabeeffamuu qabudha jedhan. Gandoota baadiyyaa kutaa magaalichaa rakkoon nageenyaa duraan keessaa turan keessaa zooniin waaqee miyaa fi Xiyyoo tokko […]