15 Mar, 2025

Latest News

1 min read
Magaalaa Adaamaatti Waldaan Tola Ooltummaa Tsinaat Dubartootaa Dhibee HIV AIDS dhiiga isaanii keessaa  jiru waliin  Guyyaa Dubartootaa Adunyaa Kabaje. **Waldaan Tola Ooltummaa  namoota dhukkuba ‘HIV EIDS’ wajjiin jiraatanii Tsinaat keessumattuu Dubartoota  irratti xiyeeffachuun gorsa ogummaa kennuu akkasumas barmaatilee miidhaa geessisan haala hambisuun danda’amurratti hojjata jetti hundeessituun waldichaa addee Gannat Bayechaa.  Kanuma bu’uura taasifachuun Magaalaa Adaamaatti […]
1 min read

Magaalaa Adaamaatti Hospitaali Waliigala Awaash Guyyaa ayyaana Kalee akka Addunyaatti March 13 kabajamu sababefachuun yaalii bilisaa Kalee taasise.

Hospitaali Waliigala Awaash Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaa aanaa Buttaatti kan argamu yoo ta’u hospitaalota dhuunfaa yeroo dhihoo asitti banamanii tajaajila kennaa jiran keessaa tokko. Hospitaalichi guyyaa Kalee akka Addunyaatti March 13 kabajamu ilaalchisuun bilisaan haala fayyummaa kalee namootaa beekuuf qorannoofi   yaalii dhukkuba kalee,dhiibaa dhiigaa,sukaaraa, kanneen biroo bilisaan hawaasaaf kennaa ooleera. Hospitaala […]
1 min read

Barattoonni fi hojjettonni Yunivarsitii saayinsii fi teeknolojii Adaamaa guyyaa dubartootaa idi addunyaa “march 8” kabajan.

Guyyaan dubartootaa “march 8” akka adduunyaatti yeroo 114ffaaf  akka Itiyoophiyaatti yeroo 49ffaaf kabajamaa jira. Ittii gaafatamtuun dhimma dubartootaa fi hawaasummaa yunivarsitii saayinsii fi teeknolojii Adaamaa Aadde Sawunnat Booraa kaayyoon kabaja guyyichaa walqixxummaa dubartootaa mirkaneessuf hojiilee akka yunivarsitichaatti hojjatamaa jiran yaadachisuu fi  itti fufiinsa isaa irratti qaamoleen hunduu tumsa akka taasisaniif kaka’umsa uumuuf ta’uu dubbatan. Pirezadaantiin […]

Features and Events

1 min read
Magaalaa Adaamaatti Waldaan Tola Ooltummaa Tsinaat Dubartootaa Dhibee HIV AIDS dhiiga isaanii keessaa  jiru waliin  Guyyaa Dubartootaa Adunyaa Kabaje. **Waldaan Tola Ooltummaa  namoota dhukkuba ‘HIV EIDS’ wajjiin jiraatanii Tsinaat keessumattuu…
1 min read

Biiroon Fayyaa Oromiyaa haala walqixxummaa koorniyaa mirkaneessun danda’amu irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti marii gaggeesse.

Hoogganaa itti aanaa biiroo fayyaa oromiyaa obbo Darajjee Abdannaa akka jedhanitti seektarri fayyaa walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuu irratti bal’inaan hojjetaa jiraachuu himanii kaayyoon marichaas fayyadamummaa koorniyaa idileessuuf qaamni hunduu gahee isaa akka bahatu hubannoo cimsuuf jedhan. Miidhaan koorniyaa walqabatee gahuu akka laayyootti kan ilaalamuu miti kan jedhan obbo Darajjeen kana hundeerraa furuuf seektara fayyaa qofa osoo […]

1 min read

Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa fi Caffee Oromiyaatti Bakka Buutotni  Adaamaa fi Miseensotni Koree  Dhaabbii Mana Marii Magaalaa Adaamaa Piroojaktii Bishaan Dhugaatii Mojoo-Adaamaa Daawwatan.***Piroojaktichi qarshii biliyoona 9 bajata qaama adda addaarraa argameen hojjatama.

Maddoota bishaanii 10 piroojaktichaa keessaa 6 raawwatamuutu eerame. Piroojaktichi Kuusaa bishaanii 15 tokkoon tokkoosaanii meetirkuubii miliyoona  sadihii hanga miliyoona shanii kuusan kan qabuudha. Kana keessaa kuusni bishaanii 13 xumuramaniiru jedhan hojigaggeessaan dhababata Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Magaalaa Adaamaa obbo Ahimad Abduljaliil. Sarara bishaanii Mojoo hanga Adaamaa 34 keessaa 30n  diriirfamuu kaasan. Hojiin waliigalaa pirojkatichaa dhibbeentaa […]

1 min read

Kallaatti fi murtoo yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhina irratti Bulchiinsi Aanaa Irreechaa marii Kutaalee Hawaasa adda addaa hirmachiiisee gaggeesse .

*** Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii 2ffaa mata duree “Waadaa hanga aadeffannaatti” jedhuun gaggeesseen dhimmoota garaa garaa irratti murtee dabarsuun kallattii kaa’uun isaa kan yaadatamu akka ta’e Barreeffama mariif dhiyyaate keessatti ibsamee Jira. Murteewwanii yaa’ii kanaan darbanii fi kallattiiwwan kaa’aman kunniin gaaffiilee hawaasaa rog-daneessa ta’aniif deebii kan kennan akkasumas fedhii fi faayidaa uummataa kan bu’uureffatan ta’uu kutaaleen […]

1 min read

Hojii investimentiif haala mijataa Magaalaan Adaamaa qabdu sochii investimentii magaalatti si’eessa jiraachuun ibsame.

15/06/2017 ABS(Adama Broadcasting Service) Hojii investimentiif haala mijataa Magaalaan Adaamaa qabdu sochii investimentii magaalatti si’eessa jiraachuun ibsame. ******************** Magaalattiitti Dhabbanni Raabsaa bobba’a Giriin Peetiroliyaamii baasii qarshii miliyoona 60 ol ijaaramaa ture xumuraamuun ebbifamee hojii jalqabe. ******* Abbaan Qabeenyaa Dhabbataa Raabsaa Boba’aa Giriin Peetirooliyeemii Obboo Nigaatuu Yilmaa Dhaabbani kun akka biyyattiitti dameelee 54 kan qabuu yoo […]

1 min read

Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo Adaamaa Dawaataan

14/06/2017 ABS(Adama Broadcasting Service) Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo fi Ministirrri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalam Nuguseetiin durfamu Magaalaa Adaamaatti Gamoo tajaajila waliigalaa fi wiirtuu kenna tajaajila iddoo tokkoo “Gaaddisa Odaa” daawwatan. Kenni tajaajila “Gaaddisa Odaa” Galmoota guddina misooma akka magaalaa Adaamaatti kaa’aman dhugoomsuuf yaadama ‘smart Adama ‘hojiirra oolchuun hojjetamaa turuu fi rakkoolee […]

1 min read

Waajjirri Buusaa Gonofaa damee Adaamaa harka qalleeyyoota 50’f deeggarsa midhaan nyaataa taasisee.

13/06/2017 ABS(Adama Broadcasting Service) Waajjirri Buusaa Gonofaa damee Adaamaa harka qalleeyyoota 50’f deeggarsa midhaan nyaataa taasisee. ********** Ittii gaafatamaan waajjira Buusaa Gonofaa damee Adaamaa obbo Waadoo Abdulkariim akka jedhanitti akka magaalichaatti buusaan gonofaa namoota harka qalleeyyii ta’an calaluun yeroo garagaraatti deeggarsa taasisaa turu himanii guyyaa har’as namoota 50 ta’aniif deeggarsi midhaan nyaataa taasifameera jedhan. Deeggarsi […]