
Highlight News
World News
Latest News
Editor Picks
Features and Events
Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Wajjiirri Milishaa Kutaa Magaalaa Danbalaa Gamaaggama Rawwii hojii kurmaana 2ffaa gaggeesse.
********Gamaaggama rawwii hojii kurmaana 2ffaa kana irratti Caasaaleen Nageenyaa gachaana Sirna, tajaajilaa poolisii hawaasa, Milishaa , poolisii idilee fi qamooleen biroo qooda fudhatoota gamaaggamichatti. Itti gaafatamaan Wajjiira Milishaa Kutaa Magaalaa Danbalaa Obbo Ashanaaffi Balchaa Kaayyoon gamaaggamicha inni ijoon cimina fi hanqina hojii ji’ottaan darban keessaatti muldhaate addaa baasuun fuula duratti ergama Nageenyaa galman gahuufii jedhan. […]
Manni murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa Miseensota raayyaa ittisa Biyyaa qabeenyaa nama dhuunfaa qarshii kuma dhibba 2 fi Kuma 46 ol mancaasan hidhaa cimaa waggaa 1 fi qarshii 1000’n adabe.
Himatamtonni Kun waliin ta’uudhaan qabeenyaa nama dhuunfaa irratti miidha qaqqabsiisuuf yaadanii gaafa guyyaa 4-5-2017 halkan keessaa sa’aati 6:00 yeroo ta’uu Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa Aanaa Buttaa mana ragadaa national jedhamU seenuun himatamaa 1ffaan Abinet Alamuu fi himatamaa 2ffaan, Hashim Jamaal miseensa raayyaa ittisa Biyyaa yoo ta’an himatamaa 3ffaan maqaan isaa Jibril Hajii jedhamuu immoo miseensa […]
Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa dameen Adaamaa leenjiistootaa fi leenjiifamtoota gulantaa 2ffaa hanga 4ffaatti leenji’aa turaniif madaallii gahumsa ogummaa kenne.
Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa OromiyaattiItti gaaftamtuun damee Adaamaa addee Maartaa Waldasamayaat Madaalliin gahumsa ogumma kenname kunkanneen ogummaalee meekaniksii,ijaarsa manaa, ogummaa fayyaa,IT,akkaawuntiingii fi kanneen biroon barachaa turaniif akkasumaas leenjiistoota,sochoftoota IMX,hojjattoota indaasturii fi leenjiifamtoota ogummaa adda addaatiin gulantaa 2ffaa hanaga 4ffaatiin leenji’aa turan namoota 250’f madaallii gahumsa ogummaa gochaa fi Beekumsaarratti madaallii kennameedhaa jedhu. Imaammanni leenjii waan […]
Bulchiinsaa Magaalaa Adaamaatti buufataalee fayyaa Shan fakkeenya ta’an daawwataman.
******* Dawwanichaan hojiilee kennaa tajaajila, iddoo tursiisaa daa’imni, dijitaalayeezeshinii fi manneen qoricha hawaasaa akkasumas tajaajila inishuransii fayyaa buufata fayyaa Dambalaa,Gadaa,Adaamaa fi Aanoolee akkasumas buufanni fayyaa Hawaas daawwatamaniiru. Kayyoon daawwannicha kan ibsan Itti gaafatamtuun Wajjira Fayyaa Magaalaa Adaamaa Sistaar Samiraa Mohammed akka magaalattiitti buufataalee 13 kan jiran ta’uu ibsuun, kanneen keessa buufataalee fayyaa shan adda durummaan […]
Waajjirri Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Magaalaa Adaamaa Ayyaana Dubartootaa ‘March’ 8 Kabajamu Sababeeffachuun Konfiraansii Kora Haqaa Geggeesse.
Konfiraansichi hoogansa magaalaa haga Aanaatti jiranii fi dubartoota magaalichaa kan hirmaachisedha. Haaromsa Aadaa fi miidhaa koorniyaa irratti bu’uureffate ittisuun akkaataa danda’amu irratti barreeffamni gabaabaan dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffameera. Itti gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Magaalaa Adaamaa Aadde Rayisaa Juneydii akka Magaalaa Adaamaatti dubartoonni diinagdeen akka cimaniif xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu kaasuun hojii birmadummaa biyyaa kabachiisuun […]
Biiroon Fayyaa Oromiyaa haala walqixxummaa koorniyaa mirkaneessun danda’amu irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti marii gaggeesse.
Hoogganaa itti aanaa biiroo fayyaa oromiyaa obbo Darajjee Abdannaa akka jedhanitti seektarri fayyaa walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuu irratti bal’inaan hojjetaa jiraachuu himanii kaayyoon marichaas fayyadamummaa koorniyaa idileessuuf qaamni hunduu gahee isaa akka bahatu hubannoo cimsuuf jedhan. Miidhaan koorniyaa walqabatee gahuu akka laayyootti kan ilaalamuu miti kan jedhan obbo Darajjeen kana hundeerraa furuuf seektara fayyaa qofa osoo […]
Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa fi Caffee Oromiyaatti Bakka Buutotni Adaamaa fi Miseensotni Koree Dhaabbii Mana Marii Magaalaa Adaamaa Piroojaktii Bishaan Dhugaatii Mojoo-Adaamaa Daawwatan.***Piroojaktichi qarshii biliyoona 9 bajata qaama adda addaarraa argameen hojjatama.
Maddoota bishaanii 10 piroojaktichaa keessaa 6 raawwatamuutu eerame. Piroojaktichi Kuusaa bishaanii 15 tokkoon tokkoosaanii meetirkuubii miliyoona sadihii hanga miliyoona shanii kuusan kan qabuudha. Kana keessaa kuusni bishaanii 13 xumuramaniiru jedhan hojigaggeessaan dhababata Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Magaalaa Adaamaa obbo Ahimad Abduljaliil. Sarara bishaanii Mojoo hanga Adaamaa 34 keessaa 30n diriirfamuu kaasan. Hojiin waliigalaa pirojkatichaa dhibbeentaa […]
Kallaatti fi murtoo yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhina irratti Bulchiinsi Aanaa Irreechaa marii Kutaalee Hawaasa adda addaa hirmachiiisee gaggeesse .
*** Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii 2ffaa mata duree “Waadaa hanga aadeffannaatti” jedhuun gaggeesseen dhimmoota garaa garaa irratti murtee dabarsuun kallattii kaa’uun isaa kan yaadatamu akka ta’e Barreeffama mariif dhiyyaate keessatti ibsamee Jira. Murteewwanii yaa’ii kanaan darbanii fi kallattiiwwan kaa’aman kunniin gaaffiilee hawaasaa rog-daneessa ta’aniif deebii kan kennan akkasumas fedhii fi faayidaa uummataa kan bu’uureffatan ta’uu kutaaleen […]
Hojii investimentiif haala mijataa Magaalaan Adaamaa qabdu sochii investimentii magaalatti si’eessa jiraachuun ibsame.
15/06/2017 ABS(Adama Broadcasting Service) Hojii investimentiif haala mijataa Magaalaan Adaamaa qabdu sochii investimentii magaalatti si’eessa jiraachuun ibsame. ******************** Magaalattiitti Dhabbanni Raabsaa bobba’a Giriin Peetiroliyaamii baasii qarshii miliyoona 60 ol ijaaramaa ture xumuraamuun ebbifamee hojii jalqabe. ******* Abbaan Qabeenyaa Dhabbataa Raabsaa Boba’aa Giriin Peetirooliyeemii Obboo Nigaatuu Yilmaa Dhaabbani kun akka biyyattiitti dameelee 54 kan qabuu yoo […]
Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo Adaamaa Dawaataan
14/06/2017 ABS(Adama Broadcasting Service) Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo fi Ministirrri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalam Nuguseetiin durfamu Magaalaa Adaamaatti Gamoo tajaajila waliigalaa fi wiirtuu kenna tajaajila iddoo tokkoo “Gaaddisa Odaa” daawwatan. Kenni tajaajila “Gaaddisa Odaa” Galmoota guddina misooma akka magaalaa Adaamaatti kaa’aman dhugoomsuuf yaadama ‘smart Adama ‘hojiirra oolchuun hojjetamaa turuu fi rakkoolee […]