08 Dec, 2025

Latest News

1 min read

Industiriin godoo bu’uura ce’uumsa industirii ammayyaattif shoora olaanaa qabaa jedhame.

Bulchinsaa magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Booleetti warshaan daakuu MB qarshii miliyoonaa 35 oliin ijaaramee hojii jalqabe.*Industiriin godoo carraa hojii bal’aa uumuun  ce’uumsa teknoloojii mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Bu’uuruma kanaan Bulchinsi magaalaa Adaamaa dargaggootaa waldaan ijaaruun hojii uumuu bira darbee gara industiriitti akka ce’aan sochii guddaa taasiseen kutaa magaalaa Booleetti warshaan daakuu MB qarshii miliyoonaa […]
1 min read

Magaalaa Adaamaa Kutaa magaalaa Bokkuu Shananiitti Bulchiinsi Aanaa Haroorettii facaasaa qamadii bonee eegalchiise.

Facaasaan qamadii bonee kun kan eegale zoonii Adulaalaa Bokkuu keessatti yoo ta’u, zooniiwwan hafan keessattis qophiin xumuramuu ibsameera. Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa Aanaa Horoorettii Obbo Ahimad margaa Akka Aanichaatti bara kana lafa heektaara 1500 ol irratti jallisii boneen qamadii misoomsuuf hojjetamaa jira jedhan. Lafa heektaara tokko irraas qamadii kuntaala 50 ol sassabuuf karoorfamuu ibsan. Bulchaan […]
1 min read

sadarkaan ariitiifi qulqullinaa misoomni koriidari magaalaa adaamaa ittiin hojjetame dhaloota boruufis bu’uura kan kaa’u ta’uu ogeeyyiin ijaarsaa tokko tokko himan.

Qulqullinni ijaarsa pirojektichaa pirojeektota biroof muuxannoo kan ta’udhas jedhameera. Magaloota Oromiyaa muraasa keessaa kallaatti Mummeen Ministeera Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad Kennan fudhachuun Sochii misooma koriidarii hojiirraa oolchaan keessaa Tokkoo kan Tate ‎Magaalaan Adaamaa, hojiin Misooma koriidarii hawwattummaa fi miidhagina magaalaa dabaluuf magaalaa miidhagduu, jireenyaaf mijattuu taate taasisuuf karaa qulqullinaa fi ariitii qabuun Marsaan jalqaba Xumuuramuun […]

Features and Events

1 min read

Milkaa’inni hojii misooma koriidarii magaalaa Adaamaarratti mul’ate ilaalcha ‘hindanda’amu’ jedhu kan cabse ta’uu itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa

Milkaa’inni hojii misooma koriidarii magaalaa Adaamaarratti mul’ate ilaalcha ‘hindanda’amu’ jedhu kan cabse ta’uu itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa himan.Hojichi qindoominni ogummaa hedduu kan irratti mul’ate…
1 min read

Qindoomina Ministeera Galiiwwanii  Damee Adaamaa fi Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Adaamaan Ogeessota herregaaf leenjiin hubannoo labsii  Taaksii dabalata qabeenyaa haaraa 1341/2016 kennamaa jira.

Sirna jalqabsiisa leenjii irratti argamuun kan qalqabsiisan Ministeera galiiwwanii Damee Adaamaatti hojii gaggeessaa Obbo  Salamoon Darribee ergaa dabarsaniin kaayyoon leenjichaa Ogeessonni herregaa  hojmaata taa’een akka hojjatan, rakkoolee kaffaltii gibiraa fi taaksii sassaabuu keessatti mul’atan marii taasisuun walitti dhihaachuun hojjachuuf kan kaayyeffate  ta’uu dubbatan. Pirezidaantiin Mana maree daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Adaamaa Obbo Bayyaan Toleeraasagantichatti qooda […]

1 min read

Injifannoo Bitootessa 24 sababeeffachuun hiriirri deeggarsaa uummanni taasisu rakkoo nageenyaa tokko malee akka raawwatuuf qophiin xumuramuu magaalaa Adaamaatti qaamoleen nageenyaa kutaa magaalaa Dambalaa beeksisan.

Kutaa magaalichaatti caasaaleen nageenyaa sadarkaan jiran hiriira deeggarsaa ummanni taasisu irratti Lootee galtoonni fi kanneen nagaa uummataa hin feene rakkoo nageenyaa kamiiyyuu qaqqabsiisuu akka hin dandeenyeef qophiin cimaan taasifamuu dubbataniiru. Jijjiiramnii fi ijaarsi sirnaa biyyichatti mul’ate akka salphaatti hin dhufne kan jedhan caasaaleen nageenyaa kunneen nagaa uummata keenyaa tiksaa jijjiirama dhufe kunuunsuun gahee qaama hundaa […]

2 mins read

Walqixxummaan Dhabamuu fi Sarbamni Mirga Dimokraasii  Ka’uumsa Qabsoo Ta’uun Biyyattiitti Jijjiiramni Akka Dhufu Tolcheera Jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa.

Obbo Ashannafiin Injifannoo Bitootessa 24n Bu’aalee Argaman Ilaachisuun ABS Wajjiin Turtii Taasisaniiru.*Seenaa Itoophiyaa keessatti gaafiin lafaa,eenyummaa fi dimokraasii kanneen bu’uuraa sirnootni darban deebisuu qaban akka ture kaasuudhaani obbo Ashannaafiin ibsa isaanii kan eegalan. Kanneen biroorratti bifa irra dibaatiinis ta’u yaaliin keessummeessuu turus walqixxummaan dhabamuu fi eenyummaan dhiibamuun abjuun biyya waloon ijaaruu akka hin jiraanne tolchuu […]

1 min read

Biiroon Misooma magaalaa fi manneenii Oromiyaa qajeelfamoota haaraa innisheetivii kilaastara qonnaa fi industurii godoorratti hojjattoota mana qophessaa bulchiinsa magaalaa Adaamaaf leenjii hubannoo uumuu kennaa jira.……………………………………..Leenjii kanarratti keessummoota biiroo misooma magaalaa fi manneenii Oromiyaarraa dhufan dabalatee hojjattoonni mana qopheessaa magaalichaa, kutaalee magaalaa fi aanaalee qooda fudhataniiru.

Qindeessaan innisheetivii qonna magaalota Oromiyaa Obbo Kabbadaa Asaffaa misoomni innisheetivii magaalota Oromiyaa bocamuun bara 2016 hojiitti akka galamu taasifamus, haalli bulchiinsaa fi hojirra oolmaa wal fakkaataa hin turre jedhan. Yeroo ammaa kana qajeelfama haaraa tolchuun sirna bulchiinsaa cimaadhaan innisheetivoonni kanniin guutuu magaalota naannichaatti bifa walfakkaatuun hojiirra akka oolaniif yaadamee leenjiin hubannoo uumuu kun kennamaa jiraachuu […]

1 min read

13/7/2017Baankiin Abisiiniyaa Distiriikti Adaamaa kutaan dhala irraa bilisaa sooma Ramadaana bara kanaa sababeeffachuun  yatimootaaf deeggarsa midhaan nyaata taasise.

Deeggarsi taasifames harka qalleeyyii 70’f tokkoo tokkoo isaaniif  daakuu furnoo kiiloo 5 fi Zayitaa nyaataa liitira 3 yoo ta’u kunis walii galaan qarshii kuma 100 oltti kan tilmaamuu ta’uu baankii Abisiiniyaa diistiriikti Adaamaatti hoogganaan kutaa dhalarraa bilisaa Obbo Bashiir Hajjii himan.Baankichi yeroo gara yerootti hawaasa harka qalleeyyii deeggaraa jiraachuus himan. Qindeessaan hojii tola ooltummaa masjida […]

1 min read

Komishiniin Naamusaa fi farra malaammaltummaa Oromiyaa  damee jiddu gala  bahaa, Komishinii inispeekshinii Naamusa Paartii Badhaadhinaa Magaaaa Adaamaa waliin qindoominaan hojjechuuf sanada walii galtee hojii  mallatteessan.

Komishinichi qabsoo farra malaammaltummaa keessatti ejjennoon paartii badhaadhinaaf gaheen caasaa ‘KIN’maali kan jedhu irratti leenjii hubannoo uumuu hoogansa magaalaa Adaamaa sadarkaan jiraniif kenneera. Komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa Oromiyaatti itti gaafatamaan damee giddu gala bahaa Obbo Jireenyaa Taaddasaa hojiin farraa malaammaltummaa hojii qindoominaa fi hirmaannaa nama hudaa barbaadudha jedhan. Murtii murtaa’uuf hojii hojjetamu keessatti iftoomnni […]

1 min read

Adaamaa investimanti giruuppiin killeefi aannan gatii madaalawaan dhiheessuu erga eegalee fayyadamaa taaneerra jedhan hojjettootni mootummaa fi jiraattonni magaalaa Adaamaa tokko tokko.

ABS dhiyeessin Aannanii fi Killee AIG sadarkaa maaliirra akka jiru ilaaleera. Hawaasnii fi jiraattonni magaalicha tokko tokko yaadaa ABS’f kennaniin Aannan liitirri tokko gabaa idileetti qarshii 80-90 ta’uu himanii AIGtti garuu qarshii 60 ta’uu dubbatu.Killeen tokko gabaa idileetti qarshii 13-15 yoo ta’uu asitti ammoo qarshii 10 ta’uu himan. Garaagarummaa gatii qofaa osoo hin taanee dhiyeessi […]

1 min read

Waajjirrii carraa hojii uumuu fi oogummaa magaalaa Adaamaa baankii siinqee damee Adaamaa waliin ta’uun haala bulchiinsa faayinaansii hoogganuun danda’amu irratti waldaalee IMX fi intarpiraayzootaaf leenjii kennee.

Ittii gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu fi oogummaa magaalaa Adaamaa obbo Abdulqaadir Xayyibuu akka jedhanitti sochii fi sirna bulchiinsa faayinaansii mirkaneessuun guddina biyya tokkoof murteessaa ta’uu kaasanii kaayyoon leenjichaas qabiinsa faayinaansii irratti hubannoo cimsuuf akka ta’e himan. Baankii siinqee damee Adaamaatti hoogganaan liiqii Obbo Ismaa’il Kadiiroo baankichi waldaalee hedduuf tajaajila liiqii fi qusannaa mijeesse kennaa […]

1 min read

Magaalaa Adaamaatti Waldaan Tola Ooltummaa Tsinaat Dubartootaa Dhibee HIV AIDS dhiiga isaanii keessaa  jiru waliin  Guyyaa Dubartootaa Adunyaa Kabaje. **Waldaan Tola Ooltummaa  namoota dhukkuba ‘HIV EIDS’ wajjiin jiraatanii Tsinaat keessumattuu Dubartoota  irratti xiyeeffachuun gorsa ogummaa kennuu akkasumas barmaatilee miidhaa geessisan haala hambisuun danda’amurratti hojjata jetti hundeessituun waldichaa addee Gannat Bayechaa.  Kanuma bu’uura taasifachuun Magaalaa Adaamaatti […]

1 min read

Magaalaa Adaamaatti Hospitaali Waliigala Awaash Guyyaa ayyaana Kalee akka Addunyaatti March 13 kabajamu sababefachuun yaalii bilisaa Kalee taasise.

Hospitaali Waliigala Awaash Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaa aanaa Buttaatti kan argamu yoo ta’u hospitaalota dhuunfaa yeroo dhihoo asitti banamanii tajaajila kennaa jiran keessaa tokko. Hospitaalichi guyyaa Kalee akka Addunyaatti March 13 kabajamu ilaalchisuun bilisaan haala fayyummaa kalee namootaa beekuuf qorannoofi   yaalii dhukkuba kalee,dhiibaa dhiigaa,sukaaraa, kanneen biroo bilisaan hawaasaaf kennaa ooleera. Hospitaala […]