25 Aug, 2025
1 min read

Hoji gaggeessitonni baankii Awaash riijinii Adaamaa sagantaa ashaaraa magariisaan duula dhaabbii biqiltuu gaggeessan.

Biqiloonni dhaabamaniis miidhaginaa fi gaaddisaaf kan oolan ta’uu ibsameera. Daariiktarri baankii Awaash riijiinii Adaamaa obbo Margaa Axinaafuu  ashaaraan magarisaa dhaloota egeree fayyadamaa taasisuu keessatti shoora ol’aanaa qaba waan ta’eef hirmaannaa keenya cimsinee itti fufna jedhan. Baankii Awaashitti hojii gaggeessaan damee Adaamaa obbo Abdurahmaan Amaan  baankichi biyyattii diinaagdeen utubuun cinaatti galma ashaaraa magariisaan mootummaan qabate dhugoomsuuf […]

1 min read

Magaalaa Adaamaa aanaa Irreechaatti duulli dhaabbii biqiltuu kutaalee hawaasaa fi hoggansaa hirmaachise gaggeeffame.

Dhaabbiin biqiltuu kun qarqara daandii aspaaltiitti kan raawwate yoo ta’u, miidhagina magaalittii dabaluun cinaatti qilleensaa fi sochii qarqara daandii hawwataa taasisuuf oola jedhameera. Bulchaan aanaa Irreechaa Obbo Goobana Guddataa karoora dhaabbii biqiltuu bara kana akka biyyaa fi magaalichaatti qabame milkeessuuf aanichatti biqiltuuwwan gosa garagaraa kuma 600’000 ol dhaabuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu himan. Aanichatti biqiloota gaaddisaa […]

1 min read

Yuunivarsitiin Riivt-Vaalii Kaambasii Adaamaa Barattoota Muummeewwaan Barnoota garsgaraatiin  Barsiisaa ture  4124 eebbisiisaa Jira.Sirna eebbaa kanaan Digrii jalqabaatiin barattoota 1500 fi gulantaa/level/4ffaa tiin barattoota 2624 sagantaalee barnoota idilee,galgalaafi torbeen barsiisaa ture barattoota 4124 ni eebbisiisa jedhamee eegama.

Sirna eebbaa kanarratti hundeessaafi abbaa qabeenyaa yuniversiitichaa obbo Dinquu Dayyaas fi itti aanaa kantiibaafi qindressaa kilaastara hawaasummaa  Magaalaa Adaamaa obbo Nigaatuu Mootummaa dabalatee, hoggantoota mootummaa olaanoo,barsiistoota fi maatiin eebbifamtootaa argamaniiru. Yunivaraitii Riivt vaalii eegga hunda’ee waggaa 25 yoo ta’u marsaa 23ffaa’f guyyaa har’a eebbisiisaa jira. Sisaay Isheetuutu gabaase.

1 min read

30/10/2017Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti piroojektoonni bara 2017 bajata moootummaa fi hirmaannaa ummataan hojjetaman bakka keessummoonni naannoo fi magaalichaa argamanitti eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru.

Sad.I/A Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaa barri kun bara qomoo itti olqabannee fi misooma jalqabne itti xumurre waan ta’eef iccitiin milkaa’ina bara kanaa aadaan piroojaktii jalqabuu fi xumuruu dagaaguu, bilisummaa dhiigaan argame qabsaa’ota bilisummaa oromootiif siidaa kaa’aa deemuuf xiiqii uumamee fi galii qabnu duguugnee sassaabuun guddina biyya keenyaa birmadummaa biyya keenyaa sadarkaa hin […]

1 min read

Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shananii aanaa Haroorettiitti hawaasni Zoonii waaqee miyaa fi Xiyyoo qaamolee nageenyaa milishaa zoonichaaf Ooyiruu isaanii qotuun sanyii qamadii facaasaniif.

Itti gaafatamaan Bulchiisaa fi nageenyaa kutaa Magaalaa Bokkuu Shananii Obbo Darajjee Dabalaa caasaan kun hojii nageenyaa eegisisuu irratti babba’ee jiru cimsee akka hojjetuuf qonnaan bultoonni fedhiif kaka’umsa mataa isaaniin oyiruu qaamolee nageenyaa kanaa qotuun isaanii hojii jajjabeeffamuu qabudha jedhan. Gandoota baadiyyaa kutaa magaalichaa rakkoon nageenyaa duraan keessaa turan keessaa zooniin waaqee miyaa fi Xiyyoo tokko […]

1 min read

Hidhi guddicha haaromsa Itiyoophiyaa mallattoo birmadummaa Itiyoophiyaa fi tokkummaa sabaa fi sablammoota biyyattiiti jedhan bulchaan godina Shawaa bahaa Obbo Abbaabbuu waaqoo

Bulchiinsi godina shawaa bahaa Waancaan  hidha guddicha haaromsa Itoophiyaa  simachuun sosochii galii walitti qabuu guyyoota 2’f taasisaa ture xumuruun waancicha  bulchiinsa magaalaa Mojoof dabarsee kenne.*******Sirni wal harkaa fuudhiinsaa kun magaalaa maqiitti kan raawwate yoo ta’u hoggansa godinichaa fi aanaalee godinichaa dabalatee bakka qaamoleen hawaasaa garagaraa argamanitti taasifame. Kantiibaan magaalaa Maaqii Injinar Dilboo Urgeessaa  hidhi guddichi […]

1 min read

Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti gamaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana 4ffaa gaggeeffamaa jira.

Gamaggama kana irrattis hooggantoonni ol aanoo magaalaa, kutaalee magaalaa fi Aanaalee kan argaman yoo ta’u gabaasni hojii paartii fi mootummaa akkasumas dhaabbata AIG (Adama Investment Group) dhiyaateera. Kantiibaan magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee kaayyoon gamaggama kanaa waan hojjetame adda baafachuun milkaa’inni gama siyaasaan akkasumas bulchiinsaa fi nageenyaan jiru maal fa’a akka ta’e adda baafachuun bara […]