Year: 2025
Komishiniin Naamusaa fi farra malaammaltummaa Oromiyaa damee jiddu gala bahaa, Komishinii inispeekshinii Naamusa Paartii Badhaadhinaa Magaaaa Adaamaa waliin qindoominaan hojjechuuf sanada walii galtee hojii mallatteessan.
Komishinichi qabsoo farra malaammaltummaa keessatti ejjennoon paartii badhaadhinaaf gaheen caasaa ‘KIN’maali kan jedhu irratti leenjii hubannoo uumuu hoogansa magaalaa Adaamaa sadarkaan jiraniif kenneera. Komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa Oromiyaatti itti gaafatamaan damee giddu gala bahaa Obbo Jireenyaa Taaddasaa hojiin farraa malaammaltummaa hojii qindoominaa fi hirmaannaa nama hudaa barbaadudha jedhan. Murtii murtaa’uuf hojii hojjetamu keessatti iftoomnni […]
Adaamaa investimanti giruuppiin killeefi aannan gatii madaalawaan dhiheessuu erga eegalee fayyadamaa taaneerra jedhan hojjettootni mootummaa fi jiraattonni magaalaa Adaamaa tokko tokko.
ABS dhiyeessin Aannanii fi Killee AIG sadarkaa maaliirra akka jiru ilaaleera. Hawaasnii fi jiraattonni magaalicha tokko tokko yaadaa ABS’f kennaniin Aannan liitirri tokko gabaa idileetti qarshii 80-90 ta’uu himanii AIGtti garuu qarshii 60 ta’uu dubbatu.Killeen tokko gabaa idileetti qarshii 13-15 yoo ta’uu asitti ammoo qarshii 10 ta’uu himan. Garaagarummaa gatii qofaa osoo hin taanee dhiyeessi […]
Waajjirrii carraa hojii uumuu fi oogummaa magaalaa Adaamaa baankii siinqee damee Adaamaa waliin ta’uun haala bulchiinsa faayinaansii hoogganuun danda’amu irratti waldaalee IMX fi intarpiraayzootaaf leenjii kennee.
Ittii gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu fi oogummaa magaalaa Adaamaa obbo Abdulqaadir Xayyibuu akka jedhanitti sochii fi sirna bulchiinsa faayinaansii mirkaneessuun guddina biyya tokkoof murteessaa ta’uu kaasanii kaayyoon leenjichaas qabiinsa faayinaansii irratti hubannoo cimsuuf akka ta’e himan. Baankii siinqee damee Adaamaatti hoogganaan liiqii Obbo Ismaa’il Kadiiroo baankichi waldaalee hedduuf tajaajila liiqii fi qusannaa mijeesse kennaa […]
Magaalaa Adaamaatti Waldaan Tola Ooltummaa Tsinaat Dubartootaa Dhibee HIV AIDS dhiiga isaanii keessaa jiru waliin Guyyaa Dubartootaa Adunyaa Kabaje. **Waldaan Tola Ooltummaa namoota dhukkuba ‘HIV EIDS’ wajjiin jiraatanii Tsinaat keessumattuu Dubartoota irratti xiyeeffachuun gorsa ogummaa kennuu akkasumas barmaatilee miidhaa geessisan haala hambisuun danda’amurratti hojjata jetti hundeessituun waldichaa addee Gannat Bayechaa. Kanuma bu’uura taasifachuun Magaalaa Adaamaatti […]
Magaalaa Adaamaatti Hospitaali Waliigala Awaash Guyyaa ayyaana Kalee akka Addunyaatti March 13 kabajamu sababefachuun yaalii bilisaa Kalee taasise.
Hospitaali Waliigala Awaash Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaa aanaa Buttaatti kan argamu yoo ta’u hospitaalota dhuunfaa yeroo dhihoo asitti banamanii tajaajila kennaa jiran keessaa tokko. Hospitaalichi guyyaa Kalee akka Addunyaatti March 13 kabajamu ilaalchisuun bilisaan haala fayyummaa kalee namootaa beekuuf qorannoofi yaalii dhukkuba kalee,dhiibaa dhiigaa,sukaaraa, kanneen biroo bilisaan hawaasaaf kennaa ooleera. Hospitaala […]
Barattoonni fi hojjettonni Yunivarsitii saayinsii fi teeknolojii Adaamaa guyyaa dubartootaa idi addunyaa “march 8” kabajan.
Guyyaan dubartootaa “march 8” akka adduunyaatti yeroo 114ffaaf akka Itiyoophiyaatti yeroo 49ffaaf kabajamaa jira. Ittii gaafatamtuun dhimma dubartootaa fi hawaasummaa yunivarsitii saayinsii fi teeknolojii Adaamaa Aadde Sawunnat Booraa kaayyoon kabaja guyyichaa walqixxummaa dubartootaa mirkaneessuf hojiilee akka yunivarsitichaatti hojjatamaa jiran yaadachisuu fi itti fufiinsa isaa irratti qaamoleen hunduu tumsa akka taasisaniif kaka’umsa uumuuf ta’uu dubbatan. Pirezadaantiin […]
Biiroon Fayyaa Oromiyaa Advookeesii Too’annoo Weerara Dhibee Busaa Irratti Qooda Fudhattoota Naannolee Garagaraa Wajjiin Marii Gaggeessaa Jiraa.
Dhibeen Busaa lubbuu balleessuu qofa osoo hin taane sochii hawaasa Diinagdee biyyaa kan miidhuudha – BFO Sagantaa ittisa dhibichaafi hawaasa dadamaqsuuf qophaa’e kanarratti qaamolee qindoominnaa garagaraa dabalatee Abbootiin gadaafi haadholiin siinqee argamaniiru. Dhibeen kun kanaan dura fayyaa hawaasaa miidhaa turuufi yeroo amma immoo Biirichi xiyyeeffannoo addaatiin tatta’amsina isaa maseensuuf tahuunis barreeffama gabaabaa dhiyaateen eerameera. Dhibeen […]
Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Bokkuu shananiitti Miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataa fi Caffee, jiraattota aanaa Awwaash Malkaasaa waliin dhimmoota garagaraarratti mari’atan.
Mariin kun bakka hoggansi aanichaa fi jiraattonni aanichaa jiranitti bakka bu’oota uummataa waliin kan gaggeeffame yoo ta’u,dhimmoonni dimookiraasii fi bulchiinsa gaarii,haalli qabiinsa mirga lammiilee, akkaataa qabiinsa qabeenya mootummaa fi uummataa, dhimmoota misoomaa fi nageenyaa dabalatee kanneen biroo maricha keessatti xiyyeeffannoo argateera. Jiraattonni aanichaa yaadaa fi gaafilee bakka bu’oota uummataaf kaasaniin, rakkoon bishaan dhugaatii aanichatti furmaata […]
Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Wajjiirri Milishaa Kutaa Magaalaa Danbalaa Gamaaggama Rawwii hojii kurmaana 2ffaa gaggeesse.
********Gamaaggama rawwii hojii kurmaana 2ffaa kana irratti Caasaaleen Nageenyaa gachaana Sirna, tajaajilaa poolisii hawaasa, Milishaa , poolisii idilee fi qamooleen biroo qooda fudhatoota gamaaggamichatti. Itti gaafatamaan Wajjiira Milishaa Kutaa Magaalaa Danbalaa Obbo Ashanaaffi Balchaa Kaayyoon gamaaggamicha inni ijoon cimina fi hanqina hojii ji’ottaan darban keessaatti muldhaate addaa baasuun fuula duratti ergama Nageenyaa galman gahuufii jedhan. […]
Manni murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa Miseensota raayyaa ittisa Biyyaa qabeenyaa nama dhuunfaa qarshii kuma dhibba 2 fi Kuma 46 ol mancaasan hidhaa cimaa waggaa 1 fi qarshii 1000’n adabe.
Himatamtonni Kun waliin ta’uudhaan qabeenyaa nama dhuunfaa irratti miidha qaqqabsiisuuf yaadanii gaafa guyyaa 4-5-2017 halkan keessaa sa’aati 6:00 yeroo ta’uu Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa Aanaa Buttaa mana ragadaa national jedhamU seenuun himatamaa 1ffaan Abinet Alamuu fi himatamaa 2ffaan, Hashim Jamaal miseensa raayyaa ittisa Biyyaa yoo ta’an himatamaa 3ffaan maqaan isaa Jibril Hajii jedhamuu immoo miseensa […]