01 Jul, 2025

Latest News

1 min read

Manni murtii ol-aanaa magaalaa Adaamaa waajjira abbaa alangaa magaalichaa waliin ta’uun kenna tajaajila haqaa irratti abukaatota dhuunfaa marisisee.

Itti gaafatamtuun waajjira abbaa alangaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aadde Dinqinesh Fayyisaa kaayyoon marichaa ciminoota fi hanqinoota hojimaata keessatti muudatan adda baasuun kenniinsa tajaajila haqaa haala cimsuun danda’amu irratti abukaatotaaf hubannoo waliigalaa uumuuf jedhan. Abukaatonni yaada mariicharratti kaasaniin manni murtii fi waajjirri abbaa alangaa magaalichaa haqaa uummataa mirkaneessuuf sochiin qindoominaan taasisaa jiran kan jajjabefamuudha jedhan. Teeknolojiin […]
1 min read

Inisheetiivonni Hojiirra Oolaa jiranii fi bu’aan argamaa jiru sagantaa maaddii madaalawaa akka magaalichaatti hojjetamaa jiru bu’a qabeessa ta’uu agarsiisu  jedhan kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Haayiluu Jaldee.

Magaalaa Adaamaatti Sagantaan agarsiisa Maaddii  Madaalawaa  eegalame.**Saganticha irrattis hoggansi sektaraalee adda addaa sadarkaan jiranii fi hawaasni argamaniiru . Carraa gurguddaa magaalattiin qabdu fayyadamuun xiqii bara dheeraaf qabnu milkeessuun danda’ameera jedhan Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Magaalaa Adaamaa Obboo Alamuu Qilxuu.galmoota afran jiran galmaan gahuuf gamaa qonnaan karoorri hixataa baafamee hojjatamaa jiru keessaa maaddiin madaalawaa tokko ta’uu […]
1 min read

Addaan ciccituun  bishaan dhugaatii Magaalichaa rakkoo hamaaf nu Saaxilee Jira jedhan jiraattonni Magaalaa Adaamaa tokko tokko.

Rakkoo Addaan ciccituu bishaan dhugaatii qabatamaan furamuufi akka qabu gaafatan jiraattonni Magaalichaa kunneen. Dhabbaatni tajaajila bishaan dhugaatii fi dhangalaa’aa Magaalichaa gama isaanitiin rakkoo dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu hundeerraa furuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.*Bishaan wantoota jiruuf jireenya ilma namaaf bu’uura ta’an keessaa isa ijoo yoo ta’u, dhaabbanni tajaajilaa bishaan dhugaatii fi dhangalaa’aa Magaalaa Adaamaas Waliin ga’insa bishaan […]

Features and Events

1 min read

Inisheetiivonni Hojiirra Oolaa jiranii fi bu’aan argamaa jiru sagantaa maaddii madaalawaa akka magaalichaatti hojjetamaa jiru bu’a qabeessa ta’uu agarsiisu  jedhan kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Haayiluu Jaldee.

Magaalaa Adaamaatti Sagantaan agarsiisa Maaddii  Madaalawaa  eegalame.**Saganticha irrattis hoggansi sektaraalee adda addaa sadarkaan jiranii fi hawaasni argamaniiru . Carraa gurguddaa magaalattiin qabdu fayyadamuun xiqii bara dheeraaf qabnu milkeessuun danda’ameera jedhan…
1 min read

Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Damee Finfinnee Magaalaa Sabbataatti Namoota Muuxannoo  qofaan Hojii Ijaarsa Manaa fi Awutoo Meekaanikii irratti bobba’anii  Hojjachaa Jiraniif Madaallii Gahumsa Ogummaa kenne.

Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaatti itti gaafatamaan  Damee Finfinneetti obbo Gammachuu Dajanee madaalliin beekkamtii kennuu fi namni iddoo dandeettiin isaaf malu sanatti hojjachuu akka danda’u akkasumaas iddoo qaawa qabu  ittiin…
1 min read

Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa dameen Adaamaa leenjiistootaa fi leenjiifamtoota gulantaa 2ffaa hanga 4ffaatti  leenji’aa turaniif madaallii gahumsa ogummaa kenne.

Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa OromiyaattiItti gaaftamtuun damee Adaamaa addee Maartaa Waldasamayaat Madaalliin gahumsa ogumma kenname kunkanneen ogummaalee meekaniksii,ijaarsa manaa, ogummaa fayyaa,IT,akkaawuntiingii fi kanneen biroon  barachaa turaniif akkasumaas leenjiistoota,sochoftoota IMX,hojjattoota indaasturii fi leenjiifamtoota ogummaa adda addaatiin gulantaa 2ffaa hanaga 4ffaatiin leenji’aa turan namoota 250’f madaallii gahumsa ogummaa gochaa fi Beekumsaarratti madaallii kennameedhaa  jedhu. Imaammanni leenjii waan […]

1 min read

Bulchiinsaa Magaalaa Adaamaatti buufataalee fayyaa Shan fakkeenya ta’an daawwataman.

******* Dawwanichaan hojiilee kennaa tajaajila, iddoo tursiisaa daa’imni, dijitaalayeezeshinii fi manneen qoricha hawaasaa akkasumas tajaajila inishuransii fayyaa buufata fayyaa Dambalaa,Gadaa,Adaamaa fi Aanoolee akkasumas buufanni fayyaa Hawaas daawwatamaniiru. Kayyoon daawwannicha kan ibsan Itti gaafatamtuun Wajjira Fayyaa Magaalaa Adaamaa Sistaar Samiraa Mohammed  akka magaalattiitti buufataalee 13  kan jiran ta’uu ibsuun, kanneen keessa buufataalee fayyaa shan adda durummaan […]

1 min read

Waajjirri Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Magaalaa Adaamaa Ayyaana Dubartootaa ‘March’ 8 Kabajamu Sababeeffachuun Konfiraansii Kora Haqaa Geggeesse.

Konfiraansichi hoogansa magaalaa haga Aanaatti jiranii fi dubartoota magaalichaa kan hirmaachisedha. Haaromsa Aadaa fi miidhaa koorniyaa irratti bu’uureffate ittisuun akkaataa danda’amu irratti barreeffamni gabaabaan dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffameera. Itti gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Magaalaa Adaamaa Aadde Rayisaa Juneydii akka Magaalaa Adaamaatti dubartoonni diinagdeen akka cimaniif xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu kaasuun hojii birmadummaa biyyaa kabachiisuun […]

1 min read

Biiroon Fayyaa Oromiyaa haala walqixxummaa koorniyaa mirkaneessun danda’amu irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti marii gaggeesse.

Hoogganaa itti aanaa biiroo fayyaa oromiyaa obbo Darajjee Abdannaa akka jedhanitti seektarri fayyaa walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuu irratti bal’inaan hojjetaa jiraachuu himanii kaayyoon marichaas fayyadamummaa koorniyaa idileessuuf qaamni hunduu gahee isaa akka bahatu hubannoo cimsuuf jedhan. Miidhaan koorniyaa walqabatee gahuu akka laayyootti kan ilaalamuu miti kan jedhan obbo Darajjeen kana hundeerraa furuuf seektara fayyaa qofa osoo […]

1 min read

Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa fi Caffee Oromiyaatti Bakka Buutotni  Adaamaa fi Miseensotni Koree  Dhaabbii Mana Marii Magaalaa Adaamaa Piroojaktii Bishaan Dhugaatii Mojoo-Adaamaa Daawwatan.***Piroojaktichi qarshii biliyoona 9 bajata qaama adda addaarraa argameen hojjatama.

Maddoota bishaanii 10 piroojaktichaa keessaa 6 raawwatamuutu eerame. Piroojaktichi Kuusaa bishaanii 15 tokkoon tokkoosaanii meetirkuubii miliyoona  sadihii hanga miliyoona shanii kuusan kan qabuudha. Kana keessaa kuusni bishaanii 13 xumuramaniiru jedhan hojigaggeessaan dhababata Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Magaalaa Adaamaa obbo Ahimad Abduljaliil. Sarara bishaanii Mojoo hanga Adaamaa 34 keessaa 30n  diriirfamuu kaasan. Hojiin waliigalaa pirojkatichaa dhibbeentaa […]

1 min read

Kallaatti fi murtoo yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhina irratti Bulchiinsi Aanaa Irreechaa marii Kutaalee Hawaasa adda addaa hirmachiiisee gaggeesse .

*** Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii 2ffaa mata duree “Waadaa hanga aadeffannaatti” jedhuun gaggeesseen dhimmoota garaa garaa irratti murtee dabarsuun kallattii kaa’uun isaa kan yaadatamu akka ta’e Barreeffama mariif dhiyyaate keessatti ibsamee Jira. Murteewwanii yaa’ii kanaan darbanii fi kallattiiwwan kaa’aman kunniin gaaffiilee hawaasaa rog-daneessa ta’aniif deebii kan kennan akkasumas fedhii fi faayidaa uummataa kan bu’uureffatan ta’uu kutaaleen […]

1 min read

Hojii investimentiif haala mijataa Magaalaan Adaamaa qabdu sochii investimentii magaalatti si’eessa jiraachuun ibsame.

15/06/2017 ABS(Adama Broadcasting Service) Hojii investimentiif haala mijataa Magaalaan Adaamaa qabdu sochii investimentii magaalatti si’eessa jiraachuun ibsame. ******************** Magaalattiitti Dhabbanni Raabsaa bobba’a Giriin Peetiroliyaamii baasii qarshii miliyoona 60 ol ijaaramaa ture xumuraamuun ebbifamee hojii jalqabe. ******* Abbaan Qabeenyaa Dhabbataa Raabsaa Boba’aa Giriin Peetirooliyeemii Obboo Nigaatuu Yilmaa Dhaabbani kun akka biyyattiitti dameelee 54 kan qabuu yoo […]

1 min read

Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo Adaamaa Dawaataan

14/06/2017 ABS(Adama Broadcasting Service) Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo fi Ministirrri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalam Nuguseetiin durfamu Magaalaa Adaamaatti Gamoo tajaajila waliigalaa fi wiirtuu kenna tajaajila iddoo tokkoo “Gaaddisa Odaa” daawwatan. Kenni tajaajila “Gaaddisa Odaa” Galmoota guddina misooma akka magaalaa Adaamaatti kaa’aman dhugoomsuuf yaadama ‘smart Adama ‘hojiirra oolchuun hojjetamaa turuu fi rakkoolee […]

1 min read

Waajjirri Buusaa Gonofaa damee Adaamaa harka qalleeyyoota 50’f deeggarsa midhaan nyaataa taasisee.

13/06/2017 ABS(Adama Broadcasting Service) Waajjirri Buusaa Gonofaa damee Adaamaa harka qalleeyyoota 50’f deeggarsa midhaan nyaataa taasisee. ********** Ittii gaafatamaan waajjira Buusaa Gonofaa damee Adaamaa obbo Waadoo Abdulkariim akka jedhanitti akka magaalichaatti buusaan gonofaa namoota harka qalleeyyii ta’an calaluun yeroo garagaraatti deeggarsa taasisaa turu himanii guyyaa har’as namoota 50 ta’aniif deeggarsi midhaan nyaataa taasifameera jedhan. Deeggarsi […]