04 Sep, 2025

Latest News

1 min read

Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti waajjirri qonnaa Aanaa Malkaa Adaamaa jiraattoota aanichaa hirmaachisuun hojii tola ooltummaatiin aramaa maasii qonnaan bulaa gageessee.

Kaayyoon isaa sababa humna fi kunuunsa dhabuutiin oomishnii midhaanii xiqqaachuu akka qabne yaadamee ta’uu ibsameera. Namoonni aramaa midhaanichaa irratti hirmaatan yaada ABS’f kenannin hojii tola oltummaatiin qonna irratti hirmaachuun karoora mootummaan gama kanaan qabate milkeessuu cinaatti aadaa walgargaruu gama cimsuutiin shoora ol’aanaa qaba jedhan. Itti gaafatamaan waajjira qonnaa aanaa Malkaa Adaamaa obbo Darrasaa Gammachuu akka […]
1 min read

Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aanaa Wanjiitti miseensotni mana maree bakka bu’oota ummaata fi Caffee Oromiyaa ummata waliin marii gaggeesse.

Maricha irratti afyaa’ii mana maree Magaalaa Adaamaa Aadde Immabeet Jibbaa dabalatee hoggansa kutaa Magaalaa , aanichaa fi hawaasni Kutaalee garaagaraa aanichaa hirmaataniiru. Afyaa’iin mana maree Magaalaa Adaamaa Aadde Immabeet Jibbaa Kaayyoon marii Uummataa kunis akkaataa qajeelfamaafi danbii Mana Mareetiiin miseensotni Paarlaamaafi Caffee Oromiyaa ji’a jahaan (6) gadi bu’anii uummata isaan filate waliin marii akka gaggeessan […]

Features and Events

1 min read

Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Damee Finfinnee Magaalaa Sabbataatti Namoota Muuxannoo  qofaan Hojii Ijaarsa Manaa fi Awutoo Meekaanikii irratti bobba’anii  Hojjachaa Jiraniif Madaallii Gahumsa Ogummaa kenne.

Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaatti itti gaafatamaan  Damee Finfinneetti obbo Gammachuu Dajanee madaalliin beekkamtii kennuu fi namni iddoo dandeettiin isaaf malu sanatti hojjachuu akka danda’u akkasumaas iddoo qaawa qabu  ittiin guutachuuf kan kennamuudha jedhu. Diiniin Kolleejjii Poolii teeknika Sabbataa obbo Salamoon Xurunaa kaayyoon madaallii namoota muuxxannoo adda addaatiin hojii hojjachaa jiran madaaluun beekkamtii kennuudha jechuun,madaallamtoota […]

1 min read

waajjirri Bulchiinsaf Nageenyaa Magaalaa Adaamaa akkaata Nageenyaa Magaalichaa itti fufsiisuun danda’amuu irratti Hojjettoota egumsaa Dhabbilee dhunfaa waliin marii gaggeesse.

********Mariin gaggeeffamee Kun qindoominna Wajjiira Bulchiinsaf Nageenyaa Magaalichaa, Wajjiira Milishaa fi Qajeelchaa Olaanaa Poolisii Magaalichaa waliin ta’unii. Biyyi tokko misoomni ishii akka ariifatu gochuu fi uummanni misooma irraa fayyadamaa akka ta’u gochuun kan danda’amu yoo nageenyi amansiisaan jiraate qofadha. nageenyi amansiisaa Akka jiraatuu fi  olaantummaa seeraa kabajamee Akka Itti fufufi hawaasichi yaaddoo nageenya tokko malee […]

1 min read

Waajjirri carraa hojii uumuu fi Ogummaa magaalaa Adaamaa sagantaa pirojeektii biqaatiin dargaggoota leenjisaa ture keessaa dargaggoota 1806shaakallii hijiirraatiif dhaabbilee misoomaa garagaraatti dabarsee kenne.

Piroojektichi walta’iinsa mootummaa Federaalaa fi Baankii Addunyaatiin hojiirra kan oole ta’uun ibsameera. Dargaggoonni hoji dhabeeyyii 2200 ol piroojektochaan leenji’aa turan keessaa dargaggoota 1806 dhaabbilee misoomaa garagaraa keessati akka shaakalan ramadiin kennameef.Dargaggootni kunis shaakala hojiirraa akka xumuraniin qaxaramanii carraa hojii kan argatan akka ta’e ibsameera. Saganticha irratti Ministir Deetaa ministeera Hojii fi Ogummaa Obbo Solomoon Sookaa […]

1 min read

“Waldichi erga hundaa’ee eegalee balaawwan uumamaa fi namtochee uummata mudatuuf deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuun lubbuu miiliyoonotaa baraaraa jira”hogganaa waldaa qaxxaamura diimaa damee naannoo Oromiyaa Obbo Mohammad Jamaal.

Guyyaan qaxxaamura diimaa fi addeessa diimaa addunyaa mata duree “Duudhaalee namoomaa itti fufsiifna” jedhuun akka biyyaatti naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti sirna adda addaan kabajame. Sirna kabaja guyyichaa kanarratti barreessaa olaanaa waldaa qaxxaamura diimaa Itoophiyaa Obbo Abarraa Luullessaa dabalatee keessummoonni fi hoggantoonni sadarkaa naannoo,magaalaa Adaamaa fi godina sh/bahaa argamaniiru. Kabajni guyyichaa kun qindeessummaa waldaa qaxxaamura diimaa […]

1 min read

Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Booleetti bulchiinsi  Aanaa Dhaddacha Araaraa Giddu-gala Gabaa Kuduraafi Muduraa eebbisiisuun  Ifatti Hojii Eegalchiise.

Giddu galichi  Rakkoo Hawaasa Aanichaa Furuuf Kuduraafi Muduraa gatii madaalawaan dhiyeessuun hawaasicha tajaajiluuf guyyaa har’aa hojii isaa ifatti eegaleeti jira. Bulchituun Bulchiinsa Aanaa Dhaddacha Araaraa Aadde Zamzam Kadiir hawaasni aanichaa rakkoo qaala’iinsa gabaa fi baasii humnaa oliif akka hin saaxilamneef Iddoo hawaasichaaf dhihoo tahetti Oomisha kuduraafi muduraa kana kallattiin akka gatii madaalawaan bitatan taasisuu himan. […]

2 mins read

Manni murti olaanaa Magaalaa Adaamaa himatamtoota daldala kontirobaandii warqee  tilmaama qarshii miliiyoona 98 ol baasu karaa seeraan alaatiin dabarsuuf yaalan hidhaa  waggaa 2 fi baatii 3 ‘n adabe.*********Daldalli seeraan alaa fi  kontirobaandii  fayyaa lammiilee fi dinagdee biyyatti irratti miidhaa dhaqabsiisu olaanaa ta’uu ragaaleen jiran ni muldhisu.Haaluma kanaan daldallii seeraan alaa fi kontirobandii eeruu hawasaa fi tumsa caasaa nageenyaa fi biroo taasisaniin yeroo adda addaatti  to’atamuun muurtiin barsiisoo ta’e yoo kennamu ni muldhata.Bu’uuruma kanaan Sochiin daldala seeran alaa fi kontirobaandii iddoo biroo irraa ka’uun yeroo adda addaatti tumsa eeruu hawasaa fi caasaa nageenyaan magaalaa Adaamaattis to’atamaa jira.

Himatamtoonni maqaan isaanii Garansaay shimaddiin gabrasaamu’el  fiGideey gabrakiristoos Dastaa jedhaman  konkaachisaa fi gargaaraa isaa waliin ta’uudhaan gaafa guyyaa 20 /5/2017  ganama  keessa sa’aa 4  irratti Aanaa Solloqee dongoree iddoo Aaddaa kellaa kurfaatti konkolaataa Isuzii  ka’uumsa magaalaa finfinnee irraa gara magaalaa walancitii imaluuf wayita kellaa ga’uu sakkat’iinsa taasifameen warqee muraa 6 giraama kuma 8 fi 600  […]

1 min read

18/8/2017Sirna Buusaa Gonofaa Caalaatti cimsuuf qaamni hunduu tumsuu akka qabu himame.Hooggansi Buusaa Gonofaa Oromiyaa Damee Magaalaa Adaamaa Yaa’iisaa Gaggeesse.

Ummanni Oromoo sirna Gadaa keessatti Aadaa inni ittiin wal gargaaru Buusaa Gonofaati.Duudhaan kun egeree ummata Oromoo ijaaruu keessattis ga’ee guddaa qaba jedhan Itti gaafatamaan Buusaa Gonofaa damee bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Waadoo Abdulkarim.Kaayyoon isaa Aadaa walgargaarsaa ummata Oromoo dagaagsuu ta’uu kan himan Obbo Waadoon Buusaan Gonofaa damee Adaamaa bara 2014 hundeeffamee haga ammaatti miseensota miliyoona […]

1 min read

Yunivarsitiin Harraambee Barattoota Muummeewwan Barnootaa Adda Addaan Barsiisaa ture 1514 Adaamaatti Eebbisiise.*******Barattootni eebbifamanis sadarkaa barnootaa digrii lammaffaa/maastarsii/ idilee fi ‘Onlaayiniin ‘306  akkasumas kaampaasota yunivarsitichaa shan keessatti   TVET’n kan leenji’an 1208ti. Eebbifamtoota keessaa 990 jechuunis dhibbeentaan 65 dubartoota. Pirezidaantiin yunivarsitii Harraambee doktar Habtaamuu Takkaa yunivarsitichi dhaloota beekkumsaan gahoomsuu maddiitti hojii tajaajila lammummaa boonsaa raawwataara jedhan. Keessumattuu magalaa Adaamaatti qulqullina naannoo fi  fayyaarratti akkasumas manneen barnootaaf meeshaalee deeggaruurratti hojjachuu ibsan. Hariiroon yunivarsitoota biyyaa alaa bebbeekkamoo faana uumames barttootni carraa barnootaa dabalataa akka argatan taasisuun yunivarsitichi bu’aa kan itti galmeesse ta’uu eeran. Abbaan qabeenyaa fi hojigaggeessaa olaanaan Garee Biizinasii Harraambee obbo Fayyisaa Araarsaa jabana  gareen barachuu/mass learning/ irraa ofiin barachuu/self learning/ ceehe faana tarkaanfachuuf mala barnootaa ‘Onlaayiniin’ lammiin carraa barachuu akka argatu uumneera jedhan.  Lammiileenis yeroo hundumaa beekkumsaan of-fooyyesuurratti akka xiyyeeffatan dhaamaniiru. Hoogganaa Ittaanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa doktar Galaanaa Waldamikaa’el barachuun hin danda’u kan jedhu gara nan danda’aatti jijjiiruudhaaf jedhan. Jamaal Kadiir

1 min read

Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaatti Kabaja Ayyaana faasikaa sababeeffachuun duulli qulqullina naannoo gaggeeffameera.

Duulli qulqullinaa kunis hooggansa fi hordoftoota amantaa Islaamaa aanicha keessa jiran kan hirmaachisedha. itti gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa Aanaa Dagaagaa obbo Tashoomaa Damee duulli qulqullinaa kun hordoftoota amantaa Islaamaa aanicha keessa jiran kan hirmaachisedha jedha. Fula durattis akka aanichaatti bakkeewwan kosiin irratti gataman qulqulleessaa, hojii misooma Ashaaraa magariisaa babal’isuun cimee kan itti fufu ta’uus himaniiru. […]